4/21/2021 0 Comments Maqaa Gootota Oromoo
Nan rifadhe, abjuu taha malee kun dhugaa miti jechaan ture jedha.Angafticha muuziqaa Oromoo Alii Birraa fi dargaggeessa jaalatamaa torbee darbe ajjeefame Haacaaluu Hundeessaa.Darbees Haacaaluun nama Alii Birraa bakka buee muuziqaa Oromoo dhaloota dhufu dhaalchisudha jedhuun.
Artiistonni jajjaboon lamaan kun quba wal qabu turanii Aliin akkamiin Haacaaluu ibsa Wayita bilbilaan dubbisnetti gaaffiin keenya kan duraa Haacaaluu waliin yoom, akkamiin wal barte kan jedhu ture. Artiist Haacaaluu Hundeessaa goota gootarra gootaati jedhee eegale. Ittiin boonna, dhaamsi nuuf dhaamaa ture, waan waggaa 150f nu quuqaa ture erga jedheen booda dursee Rabbiin haa araaramuuf, jannata keessatti haa qananiisu jechuun barbaada jedhe. Karchallee Amboo hanga Galma Barkumee - wallee fi qabsoo Haacaaluu Hundeessaa Mucaan koo dhugaa dubbate malee wanni balleesse hin jiru Haacaaluun gaafan duu Ambotti na awwaalaa jedhee ture Gaaffi keenyatti yoo as deebiu, duraan dursee kanin arge kiliippii irratti ture, osoon biyya Itoophiyaa hin dhufiin dura jedha. Aliin erga gara biyyaa dhufeen booda Oromiyaa keessatti wal arganii akka wal baran dubbata. Yeroos nama xinnaadha ture kan jedhu Aliin, sana dura muuziqaa babbareeda kan aadaa, waaee afaan ofii fi eenyummaa ofii kan ittiin mulisu kiliippii isaa waanan argeef, baayeen dinqisiifachaa ture jedha. Nama hedduu hawwachiisee, nama kan Oromoo qofa osoo hin taane kaanillee jallachuutti ture. Akkasitti anis caalaa wal baraa dhufne, innis muuziqaan guddate jechuun wayita gara biyyaa deddeebiaa turetti wal barachuun isaanii dabaluu hima. Lubbuun keenya tokko Alii Birraa waaee Haacaaluu haalaan ibsuuf jechoonni jalaa badanii wayita, akka itti miira isaa ibsatu rakkata. Akka ogeessa muuziqaa tokkootti otoo hin taane kanan ilaalu, kanin isa ibsu, goota gootota Oromoo keessaa tokko jedheetin isa madaalu jedha. ![]() Bikka cunqursi jiru hundaattuu, uummata sana hundaaf nama dhaabbate jechuunis ibsa. Afaan ittiin sirbutu Afaan Oromoo tahe malee, qabiyyeen isaa osoo hiikamee rakkataa addunyaa keessa jiru maraafuu kan tahudha jedha. Kanaafis Haacaaluun goota keenya qofa osoo hin taane, goota addunyaati jedheen achittin isa ramada jechuunis ibsa. Madda suuraa, Dagi Pictures Ibsa waaee suuraa, Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 magaalaa Finfinneetti rasaasaan dhawamee ajjeefame Ani dhaabbiin (ejjennoon) kiyya akkuma Haacaaluutti saba kiyyaaf quuqameen tarkaanfachaa ture kan jedhu Aliin, karaa sanirratti isaa argeen nama tokko taane, lubbuun keenyas tokko, yaadni keenyas tokko jechuun ejjennoo wal fakkaataa qabaachuu isaanii hima. Harki harka hin nyaatu diina ofii malee jedhee sirbe Alii Birraan jechuun sirba isaa keessatti maqaa kiyya kaaseera jedha. Maqaa kiyya kan kaaseef sarara Alii Birraa irra jirra, waan inni himu san himaa jirra jechuu isaati jedha. ![]() Kaanaf jecha duuti isaa hedduu hedduu na hubde, na miidhe jechuun hima. ![]() Nu harkaa fudhatani kan jedhu Aliin, qaamuma isaa nu duraa fudhatan malee, lubbuun isaa Rabbi birattis bikka guddaa qabdi, uummata isaa biratti bikka guddaa qabdi, inni nama due miti kan bara baraan jiraatudha jedha. Ajjeefamuu isaa akkamiin dhagahe Ajjeefamuu isaa halkan keessa gaafa itti himamu rifaatuudhaan dubbachuu akka dadhabe hima.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |